Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ajjeefamuu koloneela waraana bilxiginnaan walqabatee uummanni godina lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat gidirfamaa jiraachuu dubbatu 

ONM-ABO Fulbaana 29, 2023

Lola Waraana Bilisummaa Oromoo fi loltoota maafi’aa PP gidduutti Fulbaana 23, 2023 ganama toora sa’a 4:00 irratti lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat bakka addaa marfata Goo Guduruu jedhamutti geggeefamee looleen loltoota bilxiginnaa irraa koloneela waraanaa tokko dabalatee waraanni hedduun ajjeefamuu, kaabinoonni hedduunis madaa’uu fi du’uu maddeen aanichaa Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himanii turan.

Haaluma kanaan kaabinoonni fi waraanni sirnichaa naasuu jabaa keessa galuun namoota hedduu hidhuu, qabeenyaa isaanii saamanii jiraachuu fi hawaasni akka manaa ba’ee iddoo biraatti hin imalle dhorkuun, yeroo ammaa namuu manaa ba’ee ganda tokko irraa gara ganda birootti yoo imale reebichaa fi saamicha irratti raawwachaa jiraachuus Maddeen dabaluun ibsaniiru.

Namoonni hedduun Waraana Bilisummaa Oromoof Dawoo taatan jedhamuun jumlaan hidhamanii Waajjira Poolisii aanichaatti gidirfamaa jiraachuunis himamuun, Namoonni gochaa isaanii malee mana hidhaa aanichaa keessatti hidhamanii dararamaa jiran kunneenis lakkoofsaan dhibba lamaa ol ta’u jechuun, mana hidhaa aanichaa keessatti murtii seeraa malee kanneen baatii 5 fi isaa ol lakkoofsiisan illee akka jiran dubbatu.

Manni hidhaa sunis guutuu irraan kan ka’e tendaa uffatanii bakkee keessa bulaa akka jiran kaasuun hidhamtootni hedduunis dhukkubsachaa jiraachuu fi yaala illee dhorkatamanii du’aaf jireenya gidduutti warreen argaman danuudhas jedhaniiru.


Exit mobile version