ONM-ABO Fulbaana 30, 2023
Akkuma Oromoon Alaa gaala manaa baala jedhee mammaaku sana kan ta’e gochi bilxiginnaa miidiyaa gubbaatti ba’anii midhaan addunyaaf dhiyeessina jechuun soba afarsaa miidiyaa duubaan ammoo ooyiruu ilmaan iyyeessatti ba’uun midhaan buqqisaa uummata boossisaa jiru.
Haaluma kanaan fulbaana 28, 2023 godina Harargee lixaa aanaa Shanan Dhuuggoo ganda Abaadir keessatti abboota ilmaan isaanii guddifachuuf carraaqqatan dirqamsiisuun kuduraa fi muduraa dabalatee gosa midhaanii Kan ooyiruu isaanii irra jiru kaadirootni PP milishaa waliin ta’uun buqqisaa akka turan maddeen ONM himaniiru.
Caasaaleen bilxiginnaa gochoota akkanaa raawwatan olola dubbatame milkeessuuf jecha Ilmaan Oromoo agabsaa Kan jiran yoo ta’u, namoota gochi kun isaan irratti raawwate keessaa muraasni Abdoo Addaamee, Ziyaad Rashiid, Yoonis Baruun Fi Nasiroo Yuusuuf kanneen jedhaman ta’uu fi isaan malees namoonni hedduun maqaan isaanii nu hin qaqqabnes akka jiran maddeen ibsan.

