Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhugootti ergamtoonni PP lafa isaanii dirqamaan qochisiifataa jiraachuun beekame

ONM-ABO Fulbaana 6, 2024

Ergamtoonni bilxiginnaa akka waan bu’aa sabichaaf buusaa jiraniitti maatii isaanii bakkeetti gatanii impaayera jiguu geesse suphuuf ifaajuun ilmaan Oromootti immoo, akkuma argan itti taphachuun waan garaan isaanii yaade humnaan dirqamsiisanii raawwaachaa jiru.

Haaluma kanaan, godina Lixa Harargee  aanaa Shanan Dhugootti ergamtoonni PP lafa isaanii uummatni hojii isaanii dhiisanii dirqamaan qotaa jiraachuun beekamee jira. 

Aanicha araddaa Haqaan Jiraataa jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa   kanneen “milishaa fi riphee lolaa” jedhaman, jiraattota gandichaa dirqamsiisuun lafa isaanii qochisiifataa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattotni himanitti, halkanii fi guyyaa  ooyiruu qaban hunda hawaasa baasuun jimaa akaafsisuu fi hojii qaban mara irratti gatuun afaan qawweedhaan hojjechiifachaa jiraachuu dubbatu.

Namni ooyiruu ergamtoota kanaa hin qonne immoo “hidhata WBO qaba” jedhamuun qarshii kan adabamu, kan hidhamuu fi garmalee reebamu ta’uu isaa itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

Exit mobile version