ONM-ABO Fulbaana 26, 2024
Murni Oromummaa hadheeffatee mormu loltootaa fi murnoota isaa baadiyyaa Oromiyaatti bobbaasuun duula duguuggaa sanyii raawwachuu, saamicha, reebichaa fi manneen hawaasaa gubuun hawaasni Oromoo lafa irratti jireenya gubannaa akka jiraatu taasisaa jiru.
Haaluma kanaan, godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuggootti ergamtoonni bilxiginnaa uummata saamuu fi doorsisuu itti fufanii jiraachuun himameera.
Araddaa Barakaa jedhamuun beekamu keessaa ergamtoonni bilxiginnaa kaffaltii waliin isaa hin beekamneen hawaasa nagaatti akka yakkamaatti afaan qawwee itti qabuun kuma lamaa fi dhibba sadii (2,300) tokko tokkoon namootaa irraa dirqamaan guuraa jiraachuu jiraattonni araddichaa addeessan.
Kana malees araddoota Salaamaa, Rahaa, Waltaasisii fi kanneen biroo keessatti bifuma wal fakkaatuun ergamtoonni sirnichaa qarshii kana hunda walitti guuranii faayidaa dhuunfaa isaanii irra oolfachuu akkuma itti fufanitti jiraachuun itti dabaluun ibsameera.
Aanicha keessaa ergamtoonni Abiy Ahimed maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dhahuun kana duras yeroo adda addaatti saamaa kan turan yoo ta’u, yeroo ammaa kana immoo haala duraan barameen olitti hawaasa saamuu cimsanii itti fufanii jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

