Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Shanan Dhugootti jaleewwan Bilxiginnaa hawaasa meesha maleessa doorsisuu fi saamuu cimsanii itti fufanii jiraachuun himame

ONM-ABO Adoolessa 30, 2025 

Godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhugoo araddaa Barakaa jedhamu keessatti lukkeeleen PP raafama hamaa keessa galuun, Adoolessa 27, 2025 hawaasa walitti qabuun, “WBO’n naannoo kana seenee waan jiruuf, halkan halkan dabaree seentaniii akka eegdan” jechuun hawaasa doorsisaa jiraachuu jiraattonni araddichaa ONM’tti himan. 

Araddaadhuma kana irraa jaleewwan dhimma dhuunfaa isaanii qofa guuttachuuf halkanii fi guyyaa maggalan, maqaa “boondii hidha Abbayyaa bitaa!” jedhuun hawaasa irraa qarshii 500-500 dirqamaan guuraa jiraachuun baramee jira.

Gareen faashistii PP waggaa 7 dura hidha laga Abbayyaa parsantii 65 fuudhe hanga ammaatti dhibbeentaa 35 goolabuu dadhabuun maqaa boondii uummata dararaa kan jiru yoo ta’u, gumaachaa fi bittaa boondii armaan dura uummatni pirojektii kanaaf godhe Abiy Ahimed yeroo jalqaba aangootti dhufe hawaasni qarshii biliyoona 12 qofa hirmaate, nutu hojjete jettanii hin yaadinaa jechuun hirmaannaa uummataa rakasiisaa turuun ni yaadatama. 

Exit mobile version