Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa Aanaa Kiiramuu keessatti ergamtoonni sirnichaa maqaa boondii bituu qabdu jedhuun hawaasa saamaa jiraachuun dhaga’ame 

ONM-ABO Waxabajjii 18, 2025 

Dantaawwan adda addaa sababeeffachuun bututtuu impaayera Itiyoophiyaa kufaatii siyaasaa fi dinagdee keessatti argamtu deebisee baraaruuf jecha murni mancaatii lubbuu fi qabeenyaa akkasumas saamicha dinagdee uummata Oromoo irratti bobba’ee kan argamu Bilxiginnaan, godina Baha Wallaggaa aanaa kiiramuu ganda Burqaa Soorumaa jedhamu keessatti maqaa boondii ijaarsaa bituu qabdu jedhuun hawaasa gandichaa irratti duula saamichaa bifa haaraan eegalanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.

Ijaarsa hidha laga Abbayyaa kan bara aangootti dhufe 2018 turtii waggoota 7 keessatti dhibbentaa 65 hojjetame fuuchuun ofii isaa ammoo waggoota 7 oliif dhibbeentaa 35 hafte fixuu kan dadhabe koloneel Abiy Ahimed Fulbaana dhufu hidha kana xumurree eebbisna jechuun paarlaamaa irratti dubbachaa fi biyyoota Awurooppaaf waamicha taasisaafii, gama biraan ammoo akka sichi hojjetamutti lammiilee impaayerattii kaffaltiin mootummaa fi deggersi paartii jireenya itti hadheesseen boondii Abbayyaa bitadhaa jechuun dararaa jira.

Murni Bilxiginnaa impaayerattii gama siyaasaa fi dinagdeen harkatti kufte deebisee suphuuf baruma kana keessa maqaa kaffaltii gosa garaa garaa da’eeffachuun saamichi ulfaataan hawaasa irratti raawwachaa turuun kan beekamu yoo ta’u, tibbana ammoo maqaa bittaa boondiitiin uummatni afaan qawween dirqisiifamee qarshii 600 saamamaa jiraachuun dhaga’amee jira.

Haaluma kanaan gandicha keessatti namoonni maqaan isaanii:

  1. Zalaalem Gammachuu Wiirtuu,
  2. Alamuu Toleeraa Gabulaa,
  3. Asaffaa Deessisaa Fayisaa,
  4. Dhaabaa Fayisaa Tufaa,
  5. Amanuu Dabaloo Jabeessaa,
  6. Qanaatee Dabaloo Jabeessaa fi 

kanneen biroo hedduu irratti saamichi marsaa haaraan adeemsifamuu akkuma guutummaa aanichaatti kaffaltiin bara kana guutuu isaan irraa akka hin dhaabbanne kaasuun yaaddoo keessa jiraachuu ONM’f addeessanii jiru.

Exit mobile version