Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa, Aanota garaa garaa keessatti kaadiroonni biltsiginnaa maqaa buusaa Gonofaa fi milishaa gargaaruu qabdu jedhuun saamicha hammeessani

ONM-ABO Waxabajjii 7, 2023

Kisaaraa dinagdee irraa dandammachuu fi impaayera diigamaa jirtu ijaaruuf   kaadiroonnii fi ergamtoonni sirnichaa uummata saamuun of jiraachisuu irratti kan fuulleffatan Lixa Wallaggaa aanoota garaa garaa keessatti, boondii hidha abbayyaa, gargaarsa milishaa fi buusaa gonofaa akkasumas baankii Siinqeetiif jechuun uummata irraa qarshii guuruun jireenya itti hadheessaa jiru.

Bifuma kanaan aanoota akka Sayyoo Noolee keessatti hojjettoota mootummaa hanga daldalaatti qarshii itti muruun dirqamaan waraanaa fi milishaa itti ramaduun kaffalchiisaa kan jiran yoo ta’u, daldalaa irraa buusaa gonofaaf qarshii 1000 hanga 10,000tti dirqamaan irraa guuraa jiru.

Aanaa Noolee keessattis bifuma wal fakkaatuun hojjetaa mootummaa miindaa jiraachuuf isaan hanqattee rakkootti kufaa jiran dirqamsiisuun boondii bichiisisaa akka jiranii fi buusaa gonofaafis qarshii dirqiin kaffalchiisaa akka jiran maddeen keenya aanota kanneen irraa gabaasaniiru.

Bulchaan Aanaa Sayyoo Noolee, milishoota keenya sooreyyii taasisuu qabna jechuun qabeenyaa namarraa guuranii hiraafii kan jiran ta’uu maddeen keenya himuun, hojjetaa mootummaa fi daldalaa irraa ammoo dirqamaan qarshiin fuudhamaa jiras jedhaniiru.

Akka maddeen keenya gabaasanitti waggaa shanii asitti maqaa deggersa garaa garaan qarshiin walitti guuramuu fi gibirri uummata irraa sassaabamuun  kun dantaa dhuunfaa kaadiroota sirnichaaf ouluu  malee, misoomaaf oolaa akka hin jirree fi maqaa garaaraatiin uummanni qabeenyaan isaanii saamamaa jiraachuu miira aariin dubbatu.

Exit mobile version