Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti lukkeeleen Bilxiginnaa jiraattota saamuu fi maqaa misoomaan dararuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Sadaasa 23, 2024 

Murni garboomfataan PP kufaatii dinagdee roga maraan isa mudate irraa damdammachuuf jecha tooftaa ittiin deebisee of utubu tolfatee lukkeelee isaa amanamoo ta’aniif caasaa olii irraa qabee hanga gadiitti qe’ee uummata Oromootti bobbaasuun saamicha qabeenyaa irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jira.

Aanaa Guutoo Giddaa bulchiinsa magaalaa Horroo Alaltuu keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa uummata Oromoo dararuuf bobbaafaman, yeroo ammaa kanas maqaa kaffaltii gosa garaa garaa itti tarreessuun saamaa kan jiran ta’uu fi maqaa kaffaltii gibira manaa jedhuun mana tokkotti dirqamaan qarshii 3000 Guuraa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Kana malees kaffaltii gibira lafaa, buusaa gonofaa, inshuraansii fayyaa, kaffaltii milishaa fi k.k.f jechuun walumaa galatti qarshii 10,000 ol itti murteessuun hanga dhuma baatii Sadaasaatti kaffaltanii xumuruu qabdu jechuun jiraattonni dararaa hamaa keessa jiraachuu  dabaluun eeraniiru.

Ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen wayita hawaasni oomisha roobni jalaa balleessaa jiru sassaabbachaa jiranitti maqaa misooma jedhuun dhagaa konkolaataan fe’amuu malu illee uummata harkaan guursisuun dararaa kan jiranii fi namoota misooma hin baane ammoo qarshii dhibba shan shan adabaa jiraachuu jiraattoonni kunneen dabaluun himaniiru.

Exit mobile version