Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni bilxiginnaa Saawud Arabiyaatti dabballoota isaanii bobbaasuun baqattoota Oromoon maqaa lafaa fi qabeenyaa isiniif laannaa Shaggar siitii fi Adaamaatii jedhuun goyyoomsaa uumaa jiraachuun himame

ONM-ABO Onkoloolessa 14, 2023 

Baqattootni ilmaan Oromoo dhiibbaa sirnoota impaayeera Itoophiyaa geggeessaa turanii fi jiraniin qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa mirgi lubbuun jiraachuu isaanii yaaddessaa yeroo turetti koolu galtummaa biyyoota ollaa fudhachuu fi gariin ammoo dhiibbaa tiksitoota impaayeerattii baqachuun gammoojjii fi bishaan gurguddaa keessatti irbaata bineensaa ta’aa akka turanii fi yeroo ammaas akka itti jiran eenyu jalaa kan dhokate miti.

Haaluma kanaan yeroo ammaas baqattoota ilmaan Oromoo biyya Saawud Arabiyaa keessa jiran Ambaasaaddara impaayeera Itoophiyaa bakka bu’uun  maqaa hawaasummaa fi waraqaa eenyummeessaa kan gatiin isaa Riyaala Saawudii 250 ta’e qopheeffadhaa carraa guddaa magaaloota gurguddaa kanneen akka Shaggar Siitii fi Adaamaatti lafti manaa isiniif kennama jedhuun burjaajii uumaa akka jiranis baqattootni Oromoo biyyichaa dubbatu.

Miidiyaaleen hawaasaa adda addaa akkuma Ibsaa turan baqattootni Oromoo yeroo isaan manneen hidhaa biyyoota hedduu keessatti hanga qaamni isaanii laamsha’uu fi wal’aansa dhabuun lubbuu itti dhabaa turan Imbaasiin Itoophiyaa rakkoo namootaa gaafatee kan hin beekne, shira isaa bifa qindaa’een qopheeffatee ittiin ilmaan Oromoo sakaaluufis ajandaa dubbii akka godhates maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Hojii dabbalummaa fi goyyomsaa kana adda durummaan fudhatee irratti hojjechaa kan jiru Ambaasadarummaan Itoophiyaatii ergamee kan deeme nama maqaan isaa Muraad Ali jedhamu akka ta’es barameera.

Exit mobile version