ONM-ABO Onkoloolessa 16, 2023
Ministirri haajaa alaa Chaayinaa Sanbata darbe Israa’el weerara torbee darbe Hamaasiin raawwatameef deebii kennuudhaan fagoo akka deemte ibsuu isaanii Global Times gabaaseera.
Ministira Dhimma Alaa Sa’uudi Arabiyaa Faayisaalii Biin Farhaan Al Sa’ud waliin haasawaa kan taasisan Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yii gochi Israa’el ofirraa ittisuu bira darbee kan babal’ate ta’uu ibsaniiru.
Akka Jiinuwaan jedhutti Chaayinaan waldhabdee fi dhimmoota bu’uuraa uummata Falasxiin hirmaachisu furuu fi gargaaruuf fedhii akka qabdu dubbachuu ibsa.
Jiinuwaan dubbii Waang bilbilaan dubbatan irratti akkas jedhe: “Chaayinaan dhukaasaa fi lolli akka dhaabbatu dhiibuuf qaamolee hunda waliin qunnamtii cimaa taasisaa jirti jechuun, hojiin dhiibbaa geessistu akka mirkaneessitu ibsan.
Kana malees nageenya namoota nagaa, gargaarsi namoomaa dafee banamuu, akkasumas fedhii bu’uuraa uummata Gaazaa eeguu irratti akka hojjettu ibsite.”
Weerara Hamaas fi deebii waraanaa Israa’el dura, Israa’elii fi Sa’uudii Arabiyaan hariiroo isaanii idileessuuf hojjechaa akka jiranii fi kunis guddina dinagdee Baha Giddu Galeessaa jijjiiruu danda’as jedhamee ture.
Chaayinaan gama isheetiin Baha Giddu Galeessaa keessatti gahee guddaa akka hin taphanne kan beekamu yoo ta’u, haasawaa Chaayinaa fi Sa’uudii taasisan irraa akka hubatamutti Chaayinaan dhiibbaa ishee guddisuu akka barbaaddu agarsiisteetti. Global Times Jiinuwaa wabeeffachuun akka ibsetti ministeerri haaja alaa Chaayinaa Wang fi Ministira Dhimma Alaa Antony Blinken gidduutti mareen dhimma lola Israa’elii fi Hamaas geggeeffamuu ibsameera.
Oduma lola Israa’el fi Hamaasiin wal qabatuun Mootummaan Ameerikaa Iraan lola kana keessatti kallattiin hirmaachuun wal waraansi kun akka guddata taasisa jechuun sodaa qabdu ibsachuu The Daily Star gabaasera.

