ONM-ABO Onkoloolessa 18, 2023
Gabaasni Aljeeziraa akka mul’isutti humni qilleensaa Israa’el bakka Hizbullah Libaanos keessatti haleeluu dubbatee jira. Ibsi kun kan ba’e erga Hizbullaah kaleessa dursee loltoonni isaa afur Kibba Libaanos keessatti ajjeeffamuu isaanii ibsee booda. Waraanni Israa’el akka jedhetti loltoonni Hizbullaah afran daangaa ce’uuf yeroo yaalanitti ajjeefaman jedhan.
Humni qilleensaa Israa’el akkasumas xiyyaara nama maleessa kan “Libaanos irraa naannoo qilleensaa Israa’elitti dhiyaate” guyyuma kaleessaa kuffisuu isaa ibseera.
Haleellaan qilleensaa Israa’el mooraa hospitaala al-Ahli al-Arabi magaalaa Gaazaa irratti raawwatamuunis ifoome. Hospitaala kana keessatti namoota dhibbaan lakkaa’aman kanneen mana isaanii irraa baqatan, akkasumas dhukkubsattootaa fi madoon kan keessa jiraatan ture,” jedhan.
Haleellaa mana barumsaa Dhaabbata Gargaarsaa fi Hojii Baqattoota Falasxiin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN Relief Work and Association) kan mooraa baqattootaa al-Maghazi giddugala Gaazaa irratti raawwatameen Falasximootni jaha du’uu dhaabbati baqattoota mootummoota gamtoomanii beeksiseera.
Gama biraatiin wal waraansi torbee darbe eegale akka dhaabbatuuf biyyootni adda addaa dhiibbaa gochuun cinaatti gargaarsi uummata Faalasxiin akka qaqqabuuf yaada dhiyeessaa jiru.
Jarmaniin Gaazaaf gargaarsi namoomaa hatattamaan akka kennamu gaafatteetti. Ministirri Dhimma Alaa Jarman Annalena Baerbock namoota marfamaniin Gaazaa keessatti qabamaniif gargaarsi namoomaa saffisaan akka godhamu gaafataniiru.

