Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Israa’el haleellaa xiyyaaraa Libaanos irratti raawwateen ajajoota Hizbullah 2 ajjeesuu ishee himtu, ogeeyyiin fayyaa Gaazaa ammoo Israa’el namoota nagaa 23 ajjeesuu ibse

ONM-ABO Sadaasa 4, 2024 

Waraanni Israa’el Dilbata darbe haleellaa qilleensaa kibba Libaanos keessatti raawwateen ajajoota olaanoo Hizbullah lama ajjeesuu himate.

Ibsi waraanaa baaseen xiyyaaronni waraanaa Israa’el magaalaa daangaa magaalaa Kiyaam keessatti Faaruuq Amiin al-Ashii fi Yuusuf Ahmad Nun ajjeesaniiru.

Waraanni kun haleellaa rookkeettii hedduu kaaba Israa’el irratti raawwatameef itti gaafatamummaa kan qaban Ashi fi Nun jechuun himate.

Himannaa Israa’el kana irratti yaada Hizbullaah irraa kenname hin jiru.

Israa’el erga haleellaan gara jabinaa Gaazaa irratti jalqabdee asitti lola daangaa qaxxaamuraa Israa’elii fi Hizbullah gidduutti waggaa tokkoof tureen yeroo ammaa hammaataa dhufeen dhuma baatii Fulbaanaa irraa eegalee Libaanos keessatti duula qilleensaa ishee hammeessiteetti.

Sadaasa darbe irraa eegalee haleellaa Israa’el raawwatteen namoonni 2,900 ol ajjeefamanii, 13,000 ol madaa’uu aanga’oonni fayyaa Libaanos beeksisaniiru.

Israa’el Onkoloolessa 1 weerara kibba Libaanos irratti banuun waldhabdee kana babal’isteetti.

Gama biraan ammoo humnoonni Israa’el Dilbata darbe boombii Gaazaa irratti dhoosuu cimsanii yoo xiqqaate namoota 23 ajjeesuu isaanii ogeeyyiin fayyaa Falasxiin kan dubbatan yoo ta’u, namootni walakkaa ol kan du’an naannolee kaabaa waraanni kun duula ji’a tokkoof Hamaas akka hin gurmoofne ittisuuf jedhetti gaggeesseetti jechuun miidiyaaleen Baha Giddu Galeessaa fi Rooyiters gabaaseera.

Exit mobile version