ONM-ABO Waxabajjii 16, 2024
Hizbullaah Sanbata kaleessaa haleellaa haaloo ba’uu buufata waraanaa kaaba Israa’el irratti raawwate.
Ajajaan olaanaa Hizbullah Taleb Abdallah Kibxata darbe haleellaa Israa’el ganda Jowuyiyya keessatti raawwateen, loltoota sadii waliin ajjeefamuu maddi garee kanaaf dhihoo ta’e himee ture.
Hizbullaah Sanbata kaleessaa akka jedhetti, buufata Meron kaaba Israa’el keessatti argamu “misaa’ela qajeelfama qabuun” irratti xiyyeeffate. “Diroonii haleellaa” gara buufata Israa’el kan biraatti erguun “qaama deebii haleellaa fi ajjeechaa diinni Jowuyiyya keessatti raawwatameef” ta’uu ibseera.
Waraanni Israa’el haleellaa kana Abdallah irratti xiyyeeffate raawwachuu isaa mirkaneessee ture.
Abdallah’n “ajajoota olaanaa Hizbullah kibba Libaanos keessaa tokko” jechuun ibseera.
Sanbata kaleessaa waraanni Israa’el “pirojektaayiloonni lama Libaanos irraa gara kutaa to’annoo qilleensaa IDF (waraana) naannoo Meron kaaba Israa’el keessatti argamutti dhukaafamaniiru” jedhanii, garuu miidhaa tokkollee hin geessisnee jechuun ibsan.
Roobii darbe qondaalli olaanaa Hizbullah Hashem Safiyeddine sirna awwaalcha Abdallah irratti haasawa taasisaniin gareen kun cimina, baay’ina fi qulqullina haleellaa keenyaa akka dabalu godheera jechuun dhaadataniiru.
Angawoonni Israa’el akka jedhanitti, kaaba biyyattii keessatti yoo xiqqaate loltoonni Israa’el 15 fi namoonni nagaa 11 ajjeefamaniiru jedhan jechuun Arab news gabaaseera.

