ONM-ABO Onkoloolessa 5, 2024
Waraanni Israa’el Jimaata kaleessaa haleellaan qilleensaa dhiheenya kana naannoo kibba Beerut keessatti raawwateen hogganaa Hizbullaah Hashem Safiyeddin irratti kan xiyyeeffate ta’uu gabaafame mirkaneessuus haaluus dide.
Haleellaan guddaan halkan raawwatame kun xiyyeeffannoo itti yaadame ilaalchisee gaaffii kaaseera. Keessumaa Safiyeddin akka nama hogganaa Hizbullah ajjeefame Hassan Nasrallah bakka bu’utti ilaalamaa jira jedhamee tilmaamamu keessatti.
Akka Dhaabbanni Tamsaasa Uummataa Israa’el jedhutti, humni qilleensaa Israa’el xiyyaarota waraanaa fayyadamuun haleellaa kana kan raawwate yoo ta’u, waajjira muummee basaasaa guddaa Hizbullaah jedhamee ibsame naannoo kibba Beerut keessatti argamu irratti meeshaa waraanaa tilmaamaan toonii 73 gadi darbate.
Haa ta’u malee, raayyaan ittisa biyyaa yeroo haleellaa kanaatti qondaaltonni Hizboollaa argamuu isaanii irratti yaada kennuu ykn dhuguma Safiyedddine duula kana irratti kan xiyyeeffate ta’uu isaa mirkaneessuu dideera.
Haleellaan xiyyaaraa kun kan raawwatame akeekkachiisa Israa’el jiraattota naannoo magaalattii hedduu jiraataniif kennite hordofee yoo ta’u, mana isaanii akka ba’an gaafattee turte.
Gabaasni miidiyaalee Israa’el irraa ba’e akka mul’isutti, yeroo haleellaan kun raawwatame sanatti Safiyeddineen bakka buufataa tokko keessa ture, garuu yaaliin ajjeechaa milkaa’uu fi dhiisuu isaa ammallee ifa miti.
Chaanaaliin 12 akka gabaasetti haleellaan Safiyeddin irratti xiyyeeffate kun diinummaa Israa’elii fi Hizboollaa gidduutti deemaa jiruu fi madaallii humnaa micciiramaa naannicha keessatti mul’atuudha.
Haleellaa Israa’el Libaanos irratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 1,947 ajjeefamuun yoo 9,400 madaa’an, namoonni miliyoona 1.2 ammoo qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru jedha aanga’oonni Libaanos jechuun Arab news gabaaseera.

