ONM-ABO Sadaasa 24, 2024
Haleellaa qilleensaa cimaa Israa’el Sanbata kaleessaa giddugala Beerut keessatti raawwatteen namoota 15 galaafatte jechuun ittisi siiviilii Libaanos ibse.
Haleellaan kun gamoo abbaa darbii saddeetii kan barbadeesse yoo ta’u, namootni hedduus madaa’uu Dhaabbanni Oduu Biyyaalessaa Libaanos beeksiseera.
Torban kana keessa haleellaa xiyyaaraa Israa’el naannoo giddu galeessa Beerut irratti xiyyeeffate isa 4ffaa ta’uu fi haleellaa Israa’el naannoo magaalaa guddoo irratti raawwatte keessaa harka caalu kan naannoo magaalaa kibbaa Hizbullaah to’atame rukute irraa faallaadha.
Hizboollaa fi mootummaan Libaanos Israa’el boombii dhoostee lammiilee nagaa ajjeesuu itti fuftee jirti jechuun himatu.
Israa’el himannaa kana kan haaltu yoo ta’u, du’a lammiilee nagaa hambisuuf tarkaanfiiwwan hedduu akka fudhattu dubbatti.
Haleellaan Hizboollaa yeroo walfakkaatutti raawwateen kaaba Israa’elii fi Gaara Golaan Israa’eliin dhuunfatame keessatti lubbuu namoota 100 ol galaafateera.
Isaan keessaa loltoota 70 ol haleellaa kaaba Israa’elii fi Gaara Golaan keessatti raawwatameen akkasumas lola kibba Libaanos keessatti raawwatameen ajjeefaman of keessatti qabata jette Israa’el jechuun Anaadooluun gabaaseera.

