Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni Israa’el haleellaa Beerut irratti raawwateen ajajaa wiirtuu Hizboollaa dhabamsiisne jedhe

ONM-ABO Onkoloolessa 9, 2024 

Waraanni Israa’el naannoo Beerutitti haleellaa raawwateen ajajaa waajjira muummee Hizbullaah Suhaayil Huseen Huseenii dhabamsiisuu isaa ibsa Kibxata kaleessaa baaseen beeksiseera.

Yoo mirkanaa’e duuti Suhaayil Huseen Huseenii bu’aa tooftaa Israa’el hoggantootaa fi ajajoota Hizbullaah fi michuu isaa Hamaas kan waggaa tokkoof Gaazaatti Israa’el lolaa ture ajjeesuudhaan miidhaa gurguddaa garee sana irra kan geessise ta’a.

Waggoota kurnan darban keessatti dha’icha guddaa Hizboollaa irratti mudateen Israa’el dhuma baatii darbee naannoo kibba Beerut keessatti haleellaa qilleensaatiin hogganaa ishee Hasan Nasrallaa ajjeesteetti.

Haleellaan kun michuu dhiyoo Israa’el kan taate Ameerikaa fi Rippabilikni Islaamaa Iraan Baha Giddu Galeessaa boba’aa oomishtu keessatti waldhabdee guutuutti galu jechuun sodaa uumeera.

Diina guddaa Iraan fi Israa’el gidduutti waldhabdeen waggoota dheeraaf waraana gaaddidduu fi ajjeechaa gara waldhabdee kallattiitti jijjiiramuu danda’a.

Israa’el haleellaa misaa’ela balistikii Tehran torban darbe, kan tarkaanfii waraanaa Israa’el Libaanos keessatti fudhatteef deebii kennuudhaan raawwatameef deebii kennuuf filannoowwan madaalaa turte 

Iraan Kibxata kaleessaa Israa’el haleellaa kamiyyuu Rippabiliika Islaamaa irratti akka hin raawwanne akeekkachiifteetti.

Weebsaayitiin oduu Ameerikaa Aksiyoos qondaaltota Israa’el wabeeffachuun dhaabbileen boba’aa Iraan rukutamuu akka danda’an ibsuun, kunis daballii hamaa gatii boba’aa addunyaa ol kaasuu danda’u jechuu Rooyiters Dubaay irraa gabaaseera.

Exit mobile version