Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waajjirri muummee Hizboollaa Beerut irratti xiyyeeffannaa seera qabeessaatu geggeeffame jechuun dubbi himaan waraana Israa’el ajjeefamuu Hogganaa Hizboollaa ilaalchisee dubbate 

ONM-ABO Fulbaana 29, 2024

Waajjira muummee Hizboollla Beerut keessatti argamu bakka hogganaan garee kanaa Hasan Nasrallah jiraatu haleellaa Israa’el irratti raawwatameen ajjeefame seera idil-addunyaatiin xiyyeeffannoo waraanaa seera qabeessaa ta’uu dubbi himaan waraana Israa’el Sanbata kaleessaa  ibsaniiru.

Dubbi himaan waraanaa  Daani’eel Hagariin akka jedhanitti, Israa’el naannoolee giddu galeessa Israa’el keessatti walga’ii namoota 1,000 qofa irratti daangeessuudhaan namoota nagaa irratti qajeelfama cimaa baafte. 

Ministeerri haajaa alaa Iraan gama isaatiin  kaleessuma akka jedhetti, haleellaa xiyyaaraa Israa’el Beerut keessatti raawwateen ajjeefamus, daandiin hogganaa Hizbullaah Hasan Nasrallah itti fufa jedhe.

Gareen Hizbullaah Libaanos, kan Iraaniin hidhatee fi maallaqaan gargaaramu, Sanbata kaleessaa Nasrallaan ajjeefamuu isaa kan mirkaneesse yoo ta’u, kunis  erga Israa’el guyyaa tokko dura haleellaa xiyyaaraatiin “dhabamsise” jettee booda.   

Hogganaan Olaanaa Iraan Ali Kaamenii waan “ajjeechaa” Israa’el Libaanos keessatti raawwatte balaaleffachuun imaammata Israa’el kana  “ilaalcha gabaabaa” jechuun arrabsuu gabaasni  AFPn irraa arganne ni addeessa.

Exit mobile version