Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Puutiin erga Yuukireen weerartee booda hoogganaa Gamtaa Awurooppaa fi MM Haangaarii waliin yeroo duraaf wal argan

ONM-ABO Onkoloolessa 18, 2023

Ejjennoon Haangaariin waraana kana irratti qabdu michoota ishee Awurooppaa burjaajeessuun, gargaarsa maallaqaa fi waraanaa Yukureeniif kennuu irrattis hojiin akka dhaabbatu taasiseera. Dubbiin deemee deemee Hogganni Gamtaa Awurooppaa yeroo ammaa Ministirri Muummee Haangaarii Viiktoor Orbaan  erga waraanni Yukireen keessatti Fulbaana 2022 jalqabee booda hoggana yeroo jalqabaaf pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin qaamaan wal argan keessaa isa jalqabaa ta’aniiru.

Hoggantoonni lamaan imaammata mallattoo pireezidaantii Chaayinaa Jinping keessaa tokko kan ta’e Inishiyeetiivii Beeltii fi Daandii irratti waltajjii idil-addunyaa gaggeeffamuun  dura Beejiingitti wal argan.

Walgahiin isaanii Haangaariin anniisaa Raashiyaa argachuu irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, gara ji’oota 20 hoggantoonni biyyoota dhihaa weerara Yukireen irratti Mr Puutiin waliin qunnamtii irraa of qusatanii turan.

“Haangaariin Raashiyaa waliin wal-dura dhaabbachuu gonkumaa akka hin barbaannee fi biyyi isaanii yeroo hunda qunnamtii babal’isuuf fedhii guddaa qabdi turte,” jechuun Mr Orbaan Mr Puutiinitti himaniiru jechuun televijiinii mootummaa Raashiyaa irratti tamsa’eera.

Sababa qoqqobbii Gamtaan Awurooppaa Moskoo irratti kaa’een walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii miidhameera jedhaniiru.

Mr Orban meeshaa waraanaa Yukireeniif dhiyeessuu diduu irra darbee daangaa Haangaarii fi Yukireen qaxxaamuramee  akka dabarsan hin hayyamne. Akkasumas qoqqobbii Gamtaan Awurooppaa Moskoo irratti kaa’e akka sagaleen kuffisan  doorsisuun, dhiibbaan Raashiyaa irratti akka hin taasifamne dura dhaabbachaa turan.

Mr Puutiin akka jedhanitti, carraan biyyoota tokko tokko waliin hariiroo cimsachuu “haala ji’oopoolitikaa amma jiru keessatti daangeffamee kan jiru ta’us, Haangaarii dabalatee biyyoota Awurooppaa hedduu waliin hariiroo keenya kunuunsuu fi guddisuu danda’uun keenya Raashiyaan hariiroo biyyoota waliin qabdu jabaa ta’uu agarsiisa” jedhan. 

Budaapeest Caamsaa irraa eegalee paakeejii gargaarsa waraanaa Gamtaa Awurooppaa gara Kiivitti geessu kan Yuuroo miiliyoona 500 ta’u uggurtee jirti, haala biyyootni dhiyaa Raashiyaa itti ilaalan irrattis irra deddeebiin kan qeeqan Mr Orban biyyi isaanii Moskoo waliin hariiroo qabaachuuf fedhii guddaa qabaachuu ishee sababni ibsaniif Haangaariin gaazii uumamaa, boba’aa fi boba’aa niwukilaraa irratti hirkattummaa guddaa waan qabduuf akka ta’e Shropshirestar.com gabaaseera.

Exit mobile version