ONM-ABO Adoolessa 18, 2024
Chaayinaan Yukireen keessatti “humnoota nagaa deggaran dabalataa walitti fiduuf” Haangaarii waliin hojjechuuf qophii ta’uu ministirri haajaa alaa Chaayinaa beeksisaniiru.
Wang Yi akka jedhanitti Beejiing “humnoota nagaa deggaran hedduu walitti fiduuf, sagalee hubannoo qabu dhageessisuuf, haala jiru gara qubsuma siyaasaatti dhiibuuf Haangaarii waliin harka walqabsiisuuf” qophii ta’uu ibsaniiru.
Gita isaanii lammii Haangaarii Piitar Iszijjaartoo waliin Kibxata darbe bilbilaan bilbilaniin kan dubbatan ta’uu ibsi Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa baase ni mul’isa.
Bilbilli kun kan dhiyaate jalqaba baatii kanaa imala Muummichi Ministeeraa Haangaarii Viktor Orbaan gara Chaayinaatti imaluun hogganaa Chaayinaa Shiin Jiinpiing waliin wal arganii fi lamaan isaanii waraana Yukireen irratti mari’atan booda.
“Yeroo ammaa dhimmi ariifachiisaa fi galmi qabatamaan rakkoo Yukireen irratti mul’ate dafanii waldhabdee qabbaneessuudha,” jechuun Waang Sizijjarto’tti himeera.
Haangaariin “nagaa gidduu seenuuf gahee ijaarsaa” taphachuu ishee faarsuun Waang akkas jedheera, “Qaamoleen hundi waldhabdee Yukireen keessaa seera bu’uuraa dirreen waraanaa akka hin babal’anne, lolli akka hin hammaanne, fi lakki jedhu irratti dafanii waliigaltee irra ga’uu qabu jedhan.
Orbaan jalqaba baatii kanaa dura taa’aa jijjiirraa Gamtaa Awurooppaa erga fudhatanii as Raashiyaa, Yukireen fi Chaayinaa daawwataniiru, torban darbe pirezidaantii Ameerikaa duraanii Doonaald Tiraamp waliinis wal arganii jiru.
Tiraamp Sadaasa keessa yoo filataman waraana Raashiyaa fi Yukireen gidduutti akka giddu seenaa nagaa ta’uun “battalumatti” socho’uuf qophii ta’uu isaanii Orbaan himaniiru.
Orbaan hoggantoota biyyoota Gamtaa Awurooppaa biroof xalayaa erguun, daawwannaa biyya alaa dhiheenya kana taasise kan hoggantoota garee miseensota 27 qabu biroo aarse isaaniif ibseera.
Daawwannaan isaa Yukireen, Raashiyaa, Chaayinaa fi US keessatti godhe “ergama nagaa” waraana Raashiyaan Yukireen keessatti geggeessaa jirtu kan waggoota lamaa oliif itti fufee jiru akka dhaabbatu gidduu galeessa godhachuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera jechuun Anaadooluun gabaaseera.

