ONM-ABO Onkoloolessa 20, 2023
Gochi tibba Kam nurratti ta’ee hin beekne bara bulchiinsa koloneel Abiy Ahimed keessa kaadirootaa fi loltoota sirnichi bobbaafateen nurratti gaggeeffamaa jira kan jedhan jiraattota godina Harargee Bahaa fi Harargee Lixaati.
Akka jiraattotni godina Harargee bahaa aanaa Qarsaa ganda Balaangey jedhanitti namni adeemsa sirna paartii badhaadhinaa fi akkaataa bulchiinsa isaaniitti hin bulle jiraachuu hin qabu jechuun kaadirootni PP saamicha qabeenya keenya irratti raawwachaa jiru jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Onkoloolessa 17, 2023 aanaa Qarsaa keessaa namoota maqaan isaanii Musxafaa Adam, Ayimad Juundii, Magarsaa Hayyuubee, Ibsaa Abdullaxiif, Abdii Buskutee, Sharaf Abdukaaliq, Jibiriil Umar, Mohaammed Muktaaree fi Mohammed Abdullaa jedhamaniin ooyiruu keessan irraa kuduraa fi Muduraa kaasuun qamadii qofa facaasaa jechuun dirqisiisanii Kan deeman yoo ta’u, guyyoota muraasa keessatti ooyiru irraa hin kaastan taanaan adabni keessan qarshii 500 jechuun akeekkachiisanii akka deeman maddeen himan.

