ONM-ABO Onkoloolessa 9, 2023
Hawaasni Oromoo erga sirni Gadaa isaa cabee kaasee eelaa waggoota dheeraa baatee hacuuccaa abboota irree impaayera Itoophiyaa bulchaniin bakka dhaloota dachee handhuura isaa irratti akka qaama lammaffaatti ilaalamuun aduu dhiitee bariitu birannaan jiraataa jira.
Gochoonni bara bulchiinsa Minilik uummata Oromoo irratti raawwachuun harkaa fi harmi muramaa ture hardhas Kan hin dhaabbanne yoo ta’u, yeroo ammaas aanota godinoota Harargee lamaan keessatti argaman kaadirootni PP hiraarsaa Kan jiranii fi dheengadda Onkoloolessa 5, 2023 godina baha Harargee aanaa Qarsaa ganda Balaangey jedhamu keessatti lafa keessan irraa ka’aa Qamadii facaafnaa jechuun labsii kaadirootni sirnichaa labsan bakka deemnu hin qabnu jechuun namoota morman hidhanii hiraarsaa jiraachuun dhaga’aame.
Hawaasa hanqina midhaan nyaataa dabalatee hanqinoota hawaasummaa ilmi namaa guuttachuu qabu of harkaa dhabuun ilmaan of jalatti beelessaa irbaata yaaddoo alanfachaa jiran, gara jabeeyyiin ilma namaaf naasuu hin qabne maasaa isaan irra facaafatanii irraa of jiraachisan irraa buqqisuuf jecha namoota maqaan isaanii Caalaa Mohammed, Ibsaa Abdullaxifee, Magarsaa Hayyuubee fi Abdii Buskutee jedhamanii fi isaan maqaan nu hin ga’in hedduus sassaabee mana hiraarsaatti naqaa jiraachuu maddeen ONM dubbatan.

