Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dargaggeessi tokko godina lixa Harargee aanaa Odaa Bultum keessatti milishaa sirna bilxiginnaan ajjeefamuun dhaga’aame

ONM-ABO Onkoloolessa 25, 2023

Impaayerri Itoophiyaa namoota barnootaan biyya ijaaruu danda’aan balfuun, milishoota waa’ee biyyaa fi jaalalli biyyaa maal akka ta’e hin beekne of dura buusuun, dhumaatii namoota jajjaboo hedduutiif sababa ta’aa impaayerattiin gara Qarree kufaatiitti tarkaanfachaa jirti.

Haaluma kanaan Onkoloolessa 23, 2023 jiraataa godina lixa Harargee aanaa Odaa Bultum araddaa Burqaa Odaa Kan ta’e dargaggeessi maqaan isaa Caalaa jedhamu milishaa sirna bilxiginnaa sanyiin isaa Amaara ta’e Kan maqaan isaa Zabbanaa Rattaa jedhamuun ajjeefame akka bishaan guddaa naannoo Baddeessaa jirutti  gatame namoonni ijaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Gochootni jibbisiisoon karaa kaadiroota PPn sagantaa guyyaa ta’ee nuratti dalagamaa jiru, yaaddoo jireenyaa nutti ta’ee jira namni nuuf birmatu, eenyuttis akka himannu wallaallee jirras jechuun jiraattotni dubbatu.

Exit mobile version