Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Harargee Aanaa Odaa Bultum keessatti hawaasni dararaa nuffuun milishaa sirnichaa tokko irratti ajjechaa raawwachuun ifoome

ONM-ABO Ebla 27, 2025 

Godina Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum araddaa Lakkoofsa 6 ganda Kurfaa Dambii jedhamu keessatti Ebla 25, 2025 waraanni murna Bilxiginnaa akkuma aadeffannaa isaanii ijoollee uummataa dirqamaan gara leenjii waraanummaatti fe’uuf utuu humnaan guuraa jiranii haati mucaa tokkoo itti iyyinaan hawaasni birmannaa ho’aa waliif taasisnaan ergamtoota PP kanneen sirnicha utubuuf ifaajan keessaa tokko  nama maqaan isaa Beeluu Abaadir jedhamu mancaadhaan rukutuun ajjjeesanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Murni sirna dhab-leessi Itiyoophiyaa uummata Oromoo harkaa fi harma muruun lafarraa duguuggaa turee har’as teessoo aangoo isaa kan Minilikiin dhaale wal harkaa fuudhuun karaa Abiy Ahimed as ba’ee ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa keessatti akka baala mukaatti harcaasaa jiran deebisee suphuuf afaaju Bilxiginnaan, yeroo adda addaatti sababoota hin fakkaanne tarreessuun kan ajjeesaa jiru cinatti, tibbana immoo maqaa raayyaa ittisa impaayerattii leenjisuu jedhuun kichuuwwan ilmaan Oromoo haadhaa fi abbaa boossisee qabuun du’aaf kaadhimee guuraa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version