Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Harargee  aanaa Odaa Bultum keessatti dargaggoon tokko yoo ajjeefamu, dargaggoota aanaalee godinichaa keessaa funaanaa turan konkolaataa 69 gara mooraa leenjiitti geessuun beekame

ONM-ABO Caamsaa 21, 2024

Sirni lubbuu namaaf naasuu tokkollee hin qabne kan dhiiga namaa dhangalaasuun turtii aangoo isaa dheereffachaa jiru mataan bilxiginnaa kolonel Abiy Ahimed bara gara aangoo impaayerittii kanaatti dhufee kaasee lubbuu ol adeemtootaa siyaasa koo tuqan jechuun koree ajjeechaa qindeessaniin ajjeesaa  gariin ammoo waraana of harkaa qabutti fayyadamee gara dirree waraanaatti erguun qoraan ibiddaaf qopheessaa  jira.

Sirna bilxiginnaa jalatti Oromiyaan takkaa nagaa argattee kan hin beekne yoo ta’u namoonni akkuma bineensa bosonaatti ajjeechaa jumlaa dabalatee haala suukkanneessaan ajjeefamaa jiru.

Akkuma gabaasaa turre godinaalee Harargee lameen keessaa dargaggoota adda waraanaatti guuraa turuun ni yaadatama kanumaan walqabatee dheengadda jechuun Caamsaa 19, 2024 aanaa Odaa Bultum magaalaa Baddeessaa keessatti dargaggoota dirqiin funaanaa turan keessaa halkan dargaggoo maqaan isaa Roobaa jedhamu ajjeesanii gatuu maddeen ONM’tti himan.

Akkasumas, guyyaa kaleessaa kana dargaggoota humnaan funaanaa turan konkolaataa 69 magaalaa godinaa kan taate Ciroo keessaa fuudhuun gara mooraa leenjiitti akka oofanis ONM  jiraattota irraa qulqulleeffateera.

Exit mobile version