Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Daaroo Labuutti lukkeeleen Bilxiginnaa dargaggoo tokko irratti ajjeechaa raawwatan

ONM-ABO Bitootessa 5, 2025 

Waraanni garaa fi dantaa dhuunfaa isaanii qofaaf jiraatan loltoonni Koloneel Abiy Ahimed haala duraan barameen olitti hawaasa nagaa ajjeesuu fi dhiiga qulqulluu  dhangalaasuun gadaa aangoo Abiy Ahimed dheeressuuf hojjechaa jiru.

Aanaa Daaroo Labuu araddaa Mata Guddeessa jedhamu irraa Bitootessa 1, 2025 gara jabeeyyiin loltoota Bilxiginnaa dargaggoo maqaan isaa Callaa Shamsuu Abraahim jedhamu badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf akka bineensaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu namoonni itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka namoonni kunneen jedhanitti, Callaan dargaggoo ol adeemaa abdii egeree kan ta’e yoo ta’u, ergamtoonni Bilxiginnaa kichuu karaatti kutanii akka waan guddaa hojjetaniitti lakkaawwatan “deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun ajjeesanii gatuu himu.

Jaleewwan sirnichaa erga dargaggoo kana ajjeesanii booda, akka hawaasni fuudhee hin awwaalleef guyyaa tokko guutuu reeffa isaa irraa eeguun dhorkatanii gara jabina ulfaataa itti agarsiisaniiru.  Akkuma aanichaatti dararaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuunis baramee jira.

Exit mobile version