ONM-ABO Amajjii 13, 2025
Godinaalee Oromiyaa adda addaatti waraanni garaa fi dantaa dhuunfaa isaanii qofaaf jiraatan loltoonni Koloneel Abiy Ahimed haala duraan barameen olitti hawaasa nagaa ajjeesuu fi dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasanii uummata boossisaa oolu.
Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaatti, loltoonni sirnichaa akkuma amala isaanii duriitti ammas barataa tokko haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii gatuun himameera.
Guyyaa Kaleessaa jechuun Amajjii 12, 2025 aanaa Guutoo Giddaa ganda Eebbaa bakka addaa Alamganaa jedhamu irraa gara jabeeyyiin loltoota Bilxiginnaa barataa maqaan isaa Taaddalee Habtaamuu jedhamu badii tokko malee Oromummaa isaa qofaaf rasaasa 3 itti roobsuun ajjeesanii gatuun dargaggoo maqaan isaa Biqilaa Obsaa jedhamu immoo qabatanii deemuu namoonni itti dhiheenyaan beekan himan.
Akka namoonni kun jedhanitti, dargaggoo Habtaamuun sababa tokko malee mana hidhaa waajjira poolisii aanichaatti dararamaa kan turee fi siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne ta’us ammas maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun ajjeesanii gatuu dabaluun ibsaniiru.

