ONM-ABO Hagayya 21, 2024
Godinaalee Oromiyaa adda addaatti waraanni garaa fi dantaa dhuunfaa isaanii qofaaf jiraatan loltoonni Koloneel Abiy Ahimed haala duraan barameen olitti hawaasa nagaa ajjeesuun lubbuu namoota qaqqaalii ‘danuu lafarraa fixuun duguuggaa sanyii raawwachaa jiran jabeessuun har’as ilmaan Oromoo irbaata rasaasaa gochaa jiru.
Haaluma kanaan, godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti, loltoonni sirnichaa akkuma amala isaanii duriitti ammas dargaggoo tokko haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii gatuun himameera.
Hagayya 19, 2024 dargaggoo maqaan isaa Miratuu jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan dubbatu.
Akka namoonni itti dhiyeenyaan beekan kun jedhanitti namni kun dhalootaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Gimbii ganda Joogir ta’uu fi siyaasa kam keessa kan hin jirre badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf ajjeesuu isaanii namoonni kun hitti dabaluun ibsaniiru.

