Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellam Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbeetti waraanni faashistii Abiy Ahimed dargaggoo Oromoo tokko haala suukkaneessaa ta’een ajjeese

ONM-ABO Adoolessa 30, 2024

Naasuu fi gara laafina tokko uummata Oromoof kan hin qabne waraanni goolessituu PP, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti maqaa garaa garaa hawaasni hin qabne itti maxxansuu fi moggaasuun sabboontota ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf guyyaadhaa gara guyyaatti hidhuu, dararuu fi ajjeesuu garmalee hammeessanii jiru.

Haaluma wal fakkatuun, godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbeetti waraanni imphaayera Itiyoophiyaa dargaggoo ol adeemaa tokko ajjeesuun baramee jira.

Ganda Gurii Maaramii keessatti guyyaa kaleessaa Adolessa 29, 2024 sababa tokko malee dargaggoo Oromoo kophee qulqulleessuun ofii fi maatii isaa jiraachisu kan maqaan isaa Margaa Maammoo yookiin Maammitee jedhamuun beekamu ”hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” ittiin jechuun rasaasaa itti roobsuun ajjeesanii gatuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.

Dargaaggoon kun siyaasa kam irraa illee bilisa kan ta’ee fi hojii dhuunfaa isaa qofa hojjetatee kan bulu yoo ta’u loltoonni imphaayerattii sobaan dargaggoota Oromoo aanichaa ukkaamsuun hidhuu fi ajjeesuu itti fufanii jiraachuu namoonni kun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

Exit mobile version