ONM-ABO Ebla 1, 2025
Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee ganda Gurii Maariyaamitti Bitootessa 30, 2025 dargaggeessa ol adeemaa umuriin isaa 17 ta’e egeree biyyaa kan ta’e, maqaan isaa Biqilaa Galgaloo jedhamu balleessaa tokko malee mana maatii isaatii qabuun gara jabinaan rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuun ibsame.
Kana malees mucaa umuriin isaa ganna 15 ta’e maqaan isaa Lalisaa Iddoosaa jedhamus qabanii bakka qeerroo fi Waraanni Bilisummaa Oromoo jirutti nu geessi ittiin jechuun halkanii fi guyyaa reebichaa fi dararaa ulfaataa akkaan nama gaddisiisu irratti raawwachaa jiraachuus jiraattonni ONM’f ifoomsaniiru jiru.
Akka jiraattonni jedhanitti namoonni waraana PP kan garaa isaanii qofaaf dhama’aniin ajjeefamanii fi ukkaamfaman kunneen balleessaa tokkollee qabaataniif osoo hin taane sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun gochi suukkanneessaa fi rifaassisaan kun irratti raawwachuu gabaasan.

