ONM-ABO Adoolessa 20, 2025
Godina Qellem Wallaggaatti dhalattuu aanaa Jimmaa Horroo kan taate shamarreen maqaan ishee Daraartuu Gaaddisaa jedhamtu Adoolessa 19, 2025 ganama barii barraaqaan mana ishee keessatti hidhattoota sirnichaan ajjeefamuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Shamarreen kun bakki isheen itti ajjeefamte godinichuma aanaa Yamaaloogii Walal ganda Laaloo Udoo bakka addaa Xeffellee jedhamutti oggaa ta’u, isheenis hariiroo fuudhaa fi heerumaatiin kan achi dhaqxee fi turtii baatii 1 hin guunne keessa gandichatti heerumuutu himama.
Baatii tokkoo asitti hariiroo fuudhaa fi heerumaan walitti dhufuun abbaa warraa ishee kan ta’e dargaggoon maqaan isaa Tamasgeen jedhamu ganama barii hirriba irraa ka’ee fincaaniif mana keessaa yeroo gad bahutti hidhattoota kanneen argee miira sodaa fi rifaatuun guutameen wayita inni duraa fiigee ba’u, haadha warraa isaa kan taate misirroo heerumtee baatii 1 hin guunne kanatti ol seenuun gara laafina tokko malee rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattotni dubbatu.
Kana malees gandichuma bakka addaa Kaambaa jedhamu irraa immoo shamarree maqaan ishee Bisingee Faqqadaa jedhamtu maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhu itti maxxansuun qabanii reebicha ulfaataa erga irratti raawwatanii booda gara mooraa waraanaa ganda Gurii Maariyaamiitti geessanii hidhuun ifoomeera.
Gama saamichaatiin ammoo jiraataadhuma gandichaa qaxanaa Kaambaa kan ta’e nama maqaan isaa Xilahuun Dhaabaa jedhamu barataa kutaa 8’ffaa qormata qoramee kan mana isaanii jiru yoo ta’u, yakka tokko malee mana isaaniitti itti dhaquun loowwan isaanii hunda jalaa ooffachuun obboleessa isaas yoo qaban, ollaadhuma isaanii kan ta’ee fi hojii qonnaa hojjetee kan jiraatu obboleessa shamarree Bisingee kan maqaan isaa Qaddamuu Faqqadaa jedhamu jalaas horii isaa hunda fudhataniiru.
Saamtonni yakkoota garaa garaa hawaasa Oromoo naannichaa irratti raawwachaa jiran kunneen hidhattoota sirnichaa kan aanaa Gaawoo Qeebbee ganda Gurii Maariyaamii jedhamtu irra buufatanii jiran ta’uu jiraattonni gandichaa gochoota suukkanneessaa jaleewwan kanneeniin dararamaa jiran miira gaddaan guutameen ONM’f addeessaniiru.

