Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti hidhattoota sirnichaan saamichaa fi reebichi ulfaataan namoota nagaa irratti raawwatamu jabaate

ONM-ABO Bitootessa 3, 2025 

Gurraandhala 27, 2025 aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Jimaateetti ergama murna Bilxiginnaan kan socho’u Ahimed Mohaammad (Alii Harargee) jedhamuun beekamu wayita shamarreen Harrittii Hasan Huseen jedhamtu kan dhalootaan aanichuma ganda Shaakkee taate dhukkubsachuun obboleettii ishee Urjii Hasan Huseen jedhamtuu waliin yaalaaf magaalaa Jimaatee deemtutti maatii qabsaa’otaati ittiin jechuun garmalee reebsisee gochoota safuu hawaasichaa cabsanis irratti raawwachiisuun ibsame.

Akka jiraattotani jedhanitti, lukkeen Bilxiginnaa kun shamarran kanneen daandii irratti eegee eessaa dhuftan jedhee wayita gaafatu isaanis ganda Shaakkeetii yaalaaf magaalaa kana dhufne jedhanii itti himuu isaaniis jiraattonni kan himan, shamarran kanneen nin beeka” maatii qabsaa’otaati ittiin jechuun yakkee gocha safuu cabsu rawwachiisee boodarra maatiitti bilbilchiisuun qarshii kuma shan adabuun gadhiisuu ONM odeeffateera.

Kana malees gandoota adda addaatti caasaaleen Bilxiginnaa maqaa inshuuraansii fayyaa jedhan baatii osoo hin guutin jiraattota irraa afaan qawween gad-aanaan qarshii 2000  ol aanaan ammoo qarshii 4000 dirqamaan tokko tokkoon isaanii irraa guurrachaa jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version