ONM-ABO Gurraandhala 6, 2025
Gochoonni suukkanneessoo fi egeree hawaasichaaf yaaddessaa ta’an danuun hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin keessatti geggeeffamaa kan jiru aanaan Harxummaa Fursee, yeroo ammaas dararriin jiraattota irratti raawwatamu jabaachuu irraan kan ka’e hawaasni aanichaa goolama jireenyaa hamaa keessa seenanii jiru.
Boba’aan akka baadiyyaa hin seenne taasisuun baaburri midhaanii cufamee banamuu dhabuu irraa kan ka’e wayita uummanni daandii dheeraa deemuun magaalaa Furseetti midhaan daakkachuuf imalu loltootni sirnichaa warra baadiyyaa jedhanii karaatti eeguun midhaanii fi harree hawwan irraa saamuun hawwan irrattis gochoota safuu raawwachaa kan jiran yoo ta’u, Gurraandhala 3, 2025 hawwan Oromoo garmalee reebuun saamuu maddeen gabaasan.
Hawwan saamaman keessaa kan maqaa arganne; ganda Alasoo irraa Mareemaa Aliyyii midhaan ardaba 1, ganda Hallayyoo irraa Faaxumaa Huseen Mohaammad midhaan ardaba 1, ganda Bilbilaa irraa Aminaa Alii Uumee midhaan ardaba 1, akkasumas obboloota lamaan Muntee Abduu Hasan fi Makkaa Abduu Hasan midhaan ardaba 2 jalaa saamamuun ibsameera.

