• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti ergamtoota Bilxiginnaan saamichaa fi reebicha dabalatee dhiittaan mirgoota namoomaa jiraattota irratti geggeeffamu jabaatee itti fufe 

Feb 8, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 6, 2025 

Gochoonni suukkanneessoo fi egeree hawaasichaaf yaaddessaa ta’an danuun hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin keessatti geggeeffamaa kan jiru aanaan Harxummaa Fursee, yeroo ammaas dararriin jiraattota irratti raawwatamu jabaachuu irraan kan ka’e hawaasni aanichaa goolama jireenyaa hamaa keessa seenanii jiru. 

Boba’aan akka baadiyyaa hin seenne taasisuun baaburri midhaanii cufamee banamuu dhabuu irraa kan ka’e wayita uummanni daandii dheeraa deemuun magaalaa Furseetti midhaan daakkachuuf imalu loltootni sirnichaa warra baadiyyaa jedhanii karaatti eeguun midhaanii fi harree hawwan irraa saamuun hawwan irrattis gochoota safuu raawwachaa kan jiran yoo ta’u, Gurraandhala 3, 2025 hawwan Oromoo garmalee reebuun saamuu maddeen gabaasan.

Hawwan saamaman keessaa kan maqaa arganne; ganda Alasoo irraa Mareemaa Aliyyii midhaan ardaba 1, ganda Hallayyoo irraa Faaxumaa Huseen Mohaammad midhaan ardaba 1, ganda Bilbilaa irraa Aminaa Alii Uumee midhaan ardaba 1, akkasumas obboloota lamaan Muntee Abduu Hasan fi Makkaa Abduu Hasan midhaan ardaba 2 jalaa saamamuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading