• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Gubbaa Qorichaatti milishoota sirnichaan abbaan maatii tokko garmalee reebamuun ajjeefame 

Feb 8, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 6, 2025 

Hidhattootni murna Bilxiginnaa guutuu Oromiyaa keessatti koloneel Abiy Ahimediin akkuma argan bobbaafaman ilmaan Oromoo Oromummaa isaanii qofaan yakkuun haala suukkaneessaan ajjeesanii bakkeetti gatuu jabeessanii itti fufaniiru. 

Godina Lixa Harargee aanaa Gubbaa Qorichaa araddaa Kudha Sadii ganda Qilxuutti Amajjii 29, 2025 milishoonni sirnichaa maqaan isaanii Zeeynii Mahaammad Odaa fi Ahimed Mahaammad Nagaasee jedhaman, badii tokko malee abbaa ilmaan lamaa kan ta’e nama maqaan isaa Diittaa Nuuree jedhamu reebicha suukkanneessoo irratti raawwataniin battalumatti lubbuun isaa darbuu jiraattotni onichaa ONM’tti himaniiru.

Namni kun abbaa ilmaan lamaa, qonnaan bulaa fi akkasumas siyaasa garee kamiiyyuu kan hin deggerre ta’uu jiraattotni onichaa himuun, milishoonni sirnichaa qaama isaanii olii gammachiisuuf ilmaan Oromoo irratti gochoota hammeenyaa raawwachaa oolan kun sababa tokko malee mana isaatti itti dhaquun garmalee reebanii battalumatti ajjeesuu gabaasan.

Milishoonni sirnichaa kun erga ajjeesanii booda ammoo jiraattota gandichaan milishaatu ajjeese jettanii reeffa isaas suuraa kaaftanii fuula miidiyaatti ol baafnaan itti gaafatamaan matuma keessani ittiin jechuun akeekkachiisanii deemuu maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasaniiru.

Leave a Reply