Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee irraa hawaasni gabaaf Aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Booraa deeman kan baay’inaan Isuzu 2 ta’an hidhattoota PP’n qabamuun hidhaatti darbataman

ONM-ABO Adoolessa 21, 2025 

Adoolessa 19, 2025 aanaa Harxummaa Fursee  irraa hawaasni gandoota 9 ol irraa gara magaalaa Booraa deeman kan baay’inaan konkolaataa Isuzu 2 ta’an humnoota waraanaa PP’n ukkaamfamuun reebichi ulfaataan irratti raawwatamee gara magaalaa Caffaa Roobititti geeffamanii hidhamuun dhaga’ame.

Namoota aanaa Harxummaa Fursee irraa gabaaf aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Booraa deemuun qabaman kunneen maqaa kan arganne:

Ganda Taahumee irraa:

  1. Zaaraa Aliyyi Huseen,
  2. Hayaat Birruu,
  3. Massee Jaafar,
  4. Sittiinaa Huseen Yabba-Alii,
  5. Shamshuu Hasan Buseerii,
  6. Ahimed Sheek Muhee,
  7. Aliyyii Ibraahim Birruu,
  8. Hasan Umar Usmaanii fi 
  9. Ahimed Mahammad Aliyyi,

ganda Odaa-Diimaa irraa ammoo:

  1. Faanosee Mahaammad,
  2. Faaxumaa Abduu Hasan,
  3. Faanosee Ammadii Gurree,
  4. haadha ilmaan 5 kan taate  Aadde Muntahaa Umar – Ahimed daa’ima xiqqaa waliin fi
  5. Mahammad Huseen Sarbaddiin,

Ganda Cirrii irraa ammoo: 

  1. Kaddoo Hasan Muusaa fi
  2. Saabiraa Mahammad Hasan kan jedhamaniidha.

Akkasumas ganda Sawwarenyii fi Ajoo-Jallaa jedhamu irraa: 

  1. Ibraahim Hasan fi 
  2. Mahammad Huseen Deedee kanneen maqaan nu qaqqabeedha.
Exit mobile version