ONM-ABO Sadaasa 25, 2025
Uummanni aanaa Harxummaa Fursee fi Dawwee Harawaa uummata waggoota dheeraaf hariiroo hawaasummaa akkaan gaarii fi hawwataa ta’e addatti waliin qabaachaa as ga’e yoo ta’u, hawaasni kun laga guddaa bishaan Boorkannaa jedhamu kan isaan jidduu jiru irra ce’uun gaddaa fi gammachuu isaanii uummata waliin qooddachaa turee fi jiruudha.
Addattuu jiraattotni aanaa Harxummaa Fursee baadiyaa guutummaan magaalaan aanaa Dawwee Harawaa Booraan itti dhiyaattee waan argamtuuf gabaa magaalaa Booraa guyyaa Dilbataa ta’e kana akka ba’antu dubbatama, Sadaasa 22, 2025 jechuunis jiraattotni aanaa Harxummaa Fursee akkuma duraa se’anii gabaaf magaalaa Booraa ba’uun wantoota mana isaaniif isaan barbaachisu mara bitachuun osoo galaa jiranii milishoonni sirnichaa ganda Jaarra-Dhiiboo jedhamutti isaan eeguun hawaasicha lagaan wal nyaachisuuf “warri Harxummaa deggartoota WBO’ti gabaa gootan kana iyyuu WBO’f geessaa jirtu” ittiin jechuun sobaan yakkanii namoota danuu ukkaamsanii qabuun himameera.
Namoota aanaa Harxummaa Fursee irraa gabaaf aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Booraa deemuun galaa osoo jiranii milishoota PPn garmalee reebamuun, gabaan godhatanii fi qarshiin isaanii saamamee hidhaatti darbataman keessaa kan maqaa arganne ganda Daahaa irraa abbootii warraa maqaan isaanii Mahaammad Aliyyee fi
Siraajee Sheek Hasan oggaa ta’u, ganda Boruu Mukaa irraa immoo dargaggoo maqaan isaa Mahaammad Sa’idaa jedhamu dabalatee namoota danuu sobaan yakkanii maqaa hidhata WBO qabduun qabuun uleen garmalee tumanii qaama laalessaa akka jiran maddeen ONM’f eeraniiru.
Abbootiin warraa gabaa irraa osoo galaa jiranii milishoota Abiy Ahimed qabaman kun gabaan isaan godhatanii manatti galfachaa jiran tokko osoo hin hafin kan harkaa saamamee hidhaman ta’uun ibsameera.
Guyyuma namoota kanneen magaalaa Booraatti hidhan, jiraataa magaalaa Booraa abbaa dunkaanaa kan ta’e nama maqaan isaa Abdulqaadir jedhamu abbaa maatii milishoonni sirnichaa kun qunnamtii WBO qabda jedhanii hidhuun hojii isaa malee gidirsaa akka jiran addeeffameera.

