Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar aanaa Boosat keessatti namoonni nagaan lama hidhattoota sirnichaan ajjeefaman

ONM-ABO Sadaasa 15, 2023

Murni mootummaa abbaa irree duula waraana koloneel Abiy Ahimediin hoogganamuun ajjeechaa fi hidhaa Oromiyaa guutuu keessatti uummata Oromoo irratti raawwachaa jiraachuun kan beekamu yoo ta’u dhalli namaas jumlaan guyyaa irraa gara guyyaatti akka baalaa harca’aa oola.

Haaluma kanaan baha Shaggar aanaa Boosat ganda Haraa Marqaasaa fi ganda Qaawwaa jedhamu keessaa dhiirri tokkoof shamarreen tokko haala sukkanneessaan ajjeefamuu jiraattotni dubbatan.

Haaluma kanaan gaafa Sadaasa 10, 2023 ganda Haraa Marqaasaa jedhamu keessatti nama nagaa maqaan isaa Garbee Gannaa jedhamu waraana bilisummaa Oromoo wajjin hariiroo qabda jechuun rasaasa itti roobsanii akka ajjeesan himu.

Onuma Boosat ganda Qaawwaa Haraa jedhamu keessaayis gaafa Sadaasa 12, 2023 shamarree maqaan ishee Na’imaa Abdoo jedhamtu sababa tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun akka ajjeesan jiraattonni dabaluun ibsan.

Exit mobile version