ONM-ABO Muddee 11, 2024
Gara jabeeyyiin loltoota Bilxiginnaa lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu hoggaa dadhaban gara hawaasa nagaatti deebi’uun dararaa suukkaneessaa ta’e raawwachaa kan jiran yoo ta’u, ammallee haala duraan barameen olitti ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa irraa dararuu cimsanii itti fufanii jiru.
Aanaa Daaboo Haannaa ganda Ifa Baas Cooree jedhamu irraa gara jabeeyyiin loltoota faashistii Bilxiginnaa dargaggoota maqaan isaanii Magarsaa Yaaqobii fi Abboomsaa jedhaman manaa gadi baasuun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen jedhanitti, dargaggoonni kunneen hojii dhuunfaa isaanii hojjetanii kan jiraatanii fi siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne ta’uu himuun, badii tokko malee kan isaan ajjeese waraana impaayerattii kanneen Raayyaa Ittisa biyyaa jedhaman ta’uu himaniiru.

