ONM-ABO Muddee 10, 2024
Godinaalee Oromiyaa cufa keessaa waraanni garaa fi dantaa dhuunfaa isaanii qofaaf jiraatan loltoonni Kolonel Abiy Ahimaed haala duraan barameen olitti hawaasa nagaa ajjeesuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Muddee 7, 2024 aanaa Kiiramuu ganda Guddina Jireenyaa jedhamu irraa gara jabeeyyiin loltoota faashistii Bilxiginnaa dargaggoo maqaan isaa Lataa Lammeessaa jedhamu osoo inni gabaadhaa galuu rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu namoonni ijaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka namoonni kun jedhanitti, dargaggoo Lataan nama nagaa siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne ta’uu himuun, dargaggoo kana kan ajjeese itti gaafatamaa dhimma nageenyaa gandichaa kan ta’e nama maqaan isaa Tirfeessaa Aagaa jedhamu ta’uu dubbataniiru.

