Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti waraanni faashistii PP dargaggoo tokko rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatan

ONM-ABO Gurraandhala 18, 2025 

Kutaalee impaayerattii cufa keessatti loltoonni Koloneel Abiy Ahimed haala duraan barameen olitti sabboontota ilmaan Oromoo adamsuun yakkoota suukkanneessoo garaa garaa irratti raawwatan cimsanii itti fufanii jiru.

Aanaa Guutoo Giddaa ganda Qajeelaa iddoo addaa Dabbasee jedhamutti dhalatee kan guddate dargaggoo maqaan isaa Gaarii Hayiluu jedhamu Gurraandhala 15, 2025 ergamtoonni dhiiga ol adeemaa ilmaan Oromoo dhangalaasanii dhuguu araada taasifatan loltoonni faashistii PP, sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkanii rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni himanitti, dargaggoon loltoota sirnichaan ajjeefame kun siyaasa kam irraa bilisa ta’uu himuun, loltootni kunneen ammoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun bakka hojii isaatii ukkaamsuun guyyaa tokkoof aanichuma mooraa waraana Bilxiginnaa ganda Eebbaa jedhamu keessatti hidhanii dararaa erga turanii booda hidhaa irraa baasanii ajjeesuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version