Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Haaruu keessatti loltoonni faashistii PP dargaggeessa Oromoo tokko ajjeesanii mukatti fannisuun himame

ONM-ABO Ebla 8, 2025 

Gatii namummaaf xiyyeeffannoo kan hin laannee fi dhiiga namoota qulqulluu dhangalaasuun araada kan itti ta’e waraanni Bilxiginnaa, godina Lixa Wallaggaa aanaa Haaruu ganda Tokkummaa Congee keessatti torban darbe keessa dargaggeessa Oromoo maqaan isaa Faqqadee Daggafaa jedhamu haala suukkanneessaa ta’een rasaasa itti roobsuun erga ajjeesanii booda reeffa isaa mukatti fannisuun ibidda itti shidanii gubanii alaattiin akka nyaattu taasisanii jiru.

Dargaggeessi haala kanaan ajjeefame kun ilma hiyyeessaa hojii humnaa hojjetee jiruu fi jireenya isaa geggeeffatu, hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta’uun barameera.

Gochoonni gara jabinaa akkasii kan gurraan dhaga’uuf illee namatti ulfaatan hedduun kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti sabboontota ilmaan Oromoo irratti ergamtoota Koloneel Abiy Ahimediin irra deddeebiin raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, gochi dabaan dargaggoo kana irratti raawwates Oromiyaa guutuu keessatti mul’achaa kan jiruudha.

Exit mobile version