ONM-ABO Gurraandhala 26, 2025
Aanaa Lataa Sibuu ganda Hawwaasii Giittan jedhamu keessaa Gurraandhala 23, 2025 lafa barii toora sa’a 11:00’tti ergamtoonni sirna nama nyaataa Bilxiginnaan dargaggoo maqaan isaa Dabalii Miijanaa jedhamu badii tokko malee bakka inni ciisaa jiruu gadi baasuun haala suukkanneessaa ta’een rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu jiraattonni ijaan argan Arraataa Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Dargaggoon loltoota Bilxiginnaan ajjeefame kun siyaasa kam keessa kan hin jirree fi nama rakkatee jiraatu ta’uu kan himan jiraattonni, innis maqaa sobaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun yakkamee akka ajjeefame jiraattotni dabaluun gabaasan.
Bara kanas akkuma guutuu Oromiyaatti duulli duguuggaa sanyii ergamtoota murna Bilxiginnaan ilmaan Oromoo irratti geggeeffamaa jiru kan baroota darbaniin olitti bifa qindaa’aa ta’een raawwatamaa jiraachuu yeroo addaa addaatti isiniif gabaasaa jiraachuun keenya ni yaadatama.

