Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Wallagga Bahaa aanaa Leeqaa Dullachaa keessatti jiraattotaa fi maatii qabsaa’otaa irratti doorsisaa fi saamichi jabaachuun dubbatame

ONM-ABO Onkoloolessa 31, 2023

Erga sirni bulchiinsa bilxiginnaa aangoo impaayera Itoophiyaa sirna EPRDF harka ture, qabsoo qeerroo fi qarreen dhiigaa fi lafee cabsuun diimookiraasii dhugaa hundeessuuf taasisaniin buqqisan jalaa butee kaasee sabni Oromoo boqotee qe’ee isaa irra Jiraatee hin beeku.

Haaluma kanaanis Baha Wallaggaa aanaa Leeqaa Dullachaa ganda Qubannaa Ambaltaa keessatti torbee darbee kaasee waraanni PP sochii taasisaniin  qabxiilee gurguddoo sadii baafatanii hawaasa dararaa Kan jiran yoo ta’u, qabxiiwwan ijoon kunneenis saamicha, reebichaa fi maqaa ilmaan keessantu WBO keessa jira jedhuun maatii qabsaa’otaa dararuu akka ta’e maddeen himan.

Qabxii saamichaa baafachuun Kan bobba’aan waraanni kunneen gibira humnaan olii itti fe’uun tokkoo tokkoo namootaa irraa qarshii 1200 Kan fuudhanii fi namoota Doqdoqqee oofuun jiraatan WBO ittiin sochoostu jechuun qarshi 7000 adabaa akka jiran Kan himan maddeen, ilmaan Keessan waraanatti ergattanii nu ficciisisaa jirtu, kanaan booda jireenya Keessan balleesina jechuun erga itti dhaadataniin booda meeshaalee maatii qabsaa’otaa, Soolarii bilbila harkaa, qarshii fi Raadiyoo akka saamanis jiraattotni himan.

Exit mobile version