Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Leeqaa Dullachaatti ergamtoonni Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa hidhaatti guuruu fi mana irratti gubuu hammeessan

ONM-ABO Bitootessa 31, 2025 

Aanaa Leeqaa Dullachaa ganda Qorkeettiq jaleewwan Bilxiginnaa maqaa adda addaa hawaasatti maxxansuun yakkanii miidhaa ulfaataa irraan gahaa oolan, gocha badii isaanii kana jabeessuun Bitootessa 27, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Mahaayaa Mahaammad,
  2. Tamiimaa Ahimad,
  3. Halimaa Rashiid,
  4. Useemaa Adam,
  5. Toofiq Mahaammad,
  6. Bayyaan Mahaammad,
  7. Aniisaa Mahaammadii fi 

kanneen biroo hedduu yakka tokko malee hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Kana malees, guyyaadhuma kana namoota maqaan isaanii: 

  1. Aadde Halimaa Rashiidii fi 
  2. Obbo Bayyaan Ahimad 

jedhaman jalaa manaa fi meeshaalee mana keessa jiran hunda gubanii barbadeessuun dabalataan ibsamee jira. 

Akka maddeen himanitti, namoonni hidhamanii fi manni jalaa gubate kunneen deggertoota siyaasaa dhaaba kamiiyyuu kan hin taanee fi maatii qabsaa’otaa qofa kan ta’an, maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun hidhaatti darbatamuu isaanii fi gandoota aanichaa cufa keessatti jaleewwan Bilxiginnaa jiraattotaa fi maatii qabsaa’otaa dararaa kan jiran ta’uun eeramee jira.

Exit mobile version