Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Lataa sibuu keessatti dargaggeessi tokko hidhattoota bilxiginnaan ajjeefame 

ONM-ABO Onkoloolessa 31, 2023

Yakkootni waraanaa hidhattoota PPn hawaasa nagaa irratti gaggeeffamaa jiran jabaachuun Golee Oromiyaa cufa keessatti guyyaa irraa gara guyyaatti lubbuun ilmaan Oromoo darbaa, dhiigni dargaaggoota Oromoo galaana ta’ee lola’aa jira.

Haaluma kanaanis Lixa Wallaggaa aanaa Lataa sibuu Magaalaa Goorii keessatti Kaleessa jechuunis Onkoloolessa 30, 2023 galgala naannoo sa’a 11tti Dargaggoo Ifaa Yoonaas jedhamu Mana barumsaa Goorii sadarkaa tokkoffaa fuula duratti loltootni raayyaa ittisa Impaayera itoophiyaa rasaasaan rukutanii ajjeesuun beekame.

Dargaggeessi kun dhalataa aanaa Lataa sibuu ganda Igguu jedhamtuu yoo ta’u, dhiyeenya hojjetee of jijjiiruuf jecha magaalaa Gooriitti galee jiruu guyyaatti bobba’uun kan of jiraachisuu fi hordofaa qaama siyaasa kamiillee akka hin taane maddeen magaalaa Goorii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Exit mobile version