ONM-ABO Sadaasa 6, 2023
Ilmaan Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo keessa jiraatan irratti duulli duguuggaa sanyii waggoota dheeraan dura karoorfame hojiitti hiikamuun yaaliin uummaticha dhabamsiisuuf gaggeeffamaa jiru haalaa fi bifa jijjiirrachuun jabaatee adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, addatti ammoo xiyyeeffannoo kallattii murna bilxiginnaatiin godhamaa jiruun waggaa waggaan duulli ajjeechaa taasifamaa jira.
Haaluma kanaanis sadaasa 5, 2023 ilmaan Oromoo godina Walloo keessa jiraatan irratti karaalee humnoota Finxaalessaa Amaaraa Faannootiin lolli jabaan hawaasa nagaa irratti geggeefamaa akka jiruu fi hanga gabaasni Kun qindaa’etti namootni baay’inaan 20 ol ta’aan lubbuun darbuu dabalatee 38 ol madaa’uun haala yaadessaa keessa jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa oromiyaatti himaniiru.
Lola finxaalessitotni Amaaraa Oromoota Walloo irratti gaggeessaa jiran kanaan namoota Lubbuun darbe keessaa muraasni Hasan Lazzuu, Aliyyii Duulaa fi Usaamaa Abdallaa dabalatee Kan maqaan nu hin ga’inis hedduu akka ta’e maddeen ifoomsuun, duulli kun Ammallee jabaatee itti Fufaa kan jiruufi duula kana gidduu seenee uummata nagaa baraaruutiif tarkaanfii qaamni aangoo impaayerattii of harkaa qabu bilxiginnaan fudhachaa jirus akka hin jirre himan.

