Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hoogganaan Hamaas Israa’el keessatti ajjeechaa lammiilee nagaa irratti raawwatameef   beekamtii kennuu diduu BBC’n gabaase

ONM-ABO Sadaasa 7, 2023

Hoogganaan olaanaa Hamaas gareen isaanii Israa’el keessatti namoota nagaa ajjeesuu haaluun, namoota waraanaaf bobba’an qofa irratti xiyyeeffachuu dubbatu. 

Hogganaan Hamaas  Muusaa Abuu Marzuuk  jedhamu haleellaa Hamaas irraa ”dubartoonni, daa’immanii fi namoonni nagaan bilisa” ta’uus BBCtti himaniiru.

Dubbiin isaa kun ragaa viidiyoo namootni Hamaas ga’eessotaa fi daa’imman meeshaa waraanaa hin qabne rasaasaan rukutaa turan  baay’ee waliin wal  faallaadha.

Israa’el gama isheetiin haleellaa Onkoloolessa 7 raawwatameen namoonni 1,400 ol Hamaasiin kan ajjeefaman yoo ta’u, irra caalaan isaanii lammiilee nagaa ta’uu ibsitee turte.

Itti aanaan hogganaa siyaasaa garee kanaa  kan ta’an Mr Marzuuk, kan UK keessatti dambii farra shororkeessummaa jalatti qabeenya  dhorkame qabu, Sanbata  darbe Galoo Galaana keessatti gaaffii fi deebii taasisaniiru. Erga gocha hammeenyaa Onkololeessa 7 mudateen booda miseensa olaanaa Hamaas BBC’tti dubbatedha.

BBCn lola Gaazaa irratti gaggeeffamaa jiru irratti, addatti ammoo namoota hedduu booji’amanii naannoo sana keessatti qabaman irratti Mr Marzuuk akka xiyyeeffatu taasiseera.

Hogganuun kun dhimma namoota qabamanii jiran wal qabatuun Israa’el Gaazaa irratti boombii osoo darbattu bilisa bahuu hin danda’an  jechuun deebii kenne. 

Ministeerri fayyaa Hamaasiin geggeeffamu akka jedhetti, erga Israa’el ji’a darbe hojii eegaltee as namoonni kuma 10 ajjeefamuu kan ibsan yoo ta’u, hogganni kun namoota qabaman gadi lakkiifna, garuu lolli dhaabbachuu qaba jedhan. 

Namni shororkeessummaan biyyoota hedduu US fi UK dabalatee dhorkame Mr Marzuuk dhiheenya kana gara Moskoo imaluun lammiilee lammummaa  Raashiyaa fi Israa’el qaban saddeet Onkoloolessa 7 Hamaasiin butaman irratti mari’ateera.

Miseensonni Hamaas Gaazaa keessa jiran lammiilee Raashiyaa booji’aman ”dubartoota lama barbaadanii argatanis” sababa waldhabdee kanaaf  gadhiisuu akka hin dandeenye dubbatan

Namoota booji’aman qabatamaan gadhiisuu kan dandeenyu yoo “Israa’eloonni lola dhaabaniidha jechuun, namoota kana yeroo sana Fannoo Diimaatti dabarsina jedhan.

Haleellaa Onkoloolessa 7 raawwatame ilaalchisee BBCn gaaffii jajjabduun kan  dhiyaateef Mr Marzuukiif, hogganaan kutaa waraanaa Birgeedii Qassam kan Hamas, Mohamed el-Deif, namoonni isaa namoota nagaa akka qusatan ajajeera jechuun himan.

“El-Deif loltoota isaatiin’dubartii hin ajjeesinaa, daa’ima hin ajjeesinaa, jaarsa hin ajjeesinaa’ jechuun ifatti himeera,” jedhan.

BBCn hogganaa olaanaa Hamaas kana viidiyoo kaameeraa kophee loltoota Hamaas irraa qabame kan namoota nagaa hidhannoo hin qabne konkolaataa fi mana isaanii keessatti rasaasaan rukutamuu agarsiisa kaasuufiin mormeeran. 

Obbo Marzuuk, yeroo gaaffii fi deebii sanatti akkaataan isaanii itti deebii laatan irra darbaa fi of qusannoon yoo ta’u , yeroo tokko tokko gara aarii qabachuun gaaffii ka’eef kallattiin hin deebisne.

Itti aanaan hogganaa kun, kutaan siyaasaa Hamaas qophii haleellaa kanaaf taasifamuu beekuu fi dhiisuu isaa yeroo gaafataman, qaamni hidhate kun “hoggansa siyaasaa waliin mari’achuu hin qabu, hin barbaachisus” jedhan.

Qaamni siyaasaa Hamaas teessoo isaa Qaxar godhate kun yeroo baayyee humna waraanaa Gaazaa irraa fagaatee akka jirutti of dhiheessus biyyootni lixaa UK dabalatee dhaabbata shororkeessaa wal xaaxaa ta’e jechuun bakka tokkotti akka ilaalan gabaasa dheeraa BBCn har’a qabatee ba’eerra hubachuun ni danda’ama.

Exit mobile version