ONM-ABO Sadaasa 14, 2023
Oromiyaa keessatti buufataaleen fayyaa yeroo ammaa hojii dhaabuu irraan kan ka’e dhukkubni akka guutuu Oromiyaatti miidhaa gurguddaa jiraattota irratti geggeessaa jiru dhukkubni Busaa godina Wallagga bahaa aanaa Sibuu Siree ganda Baqqoo Jimaa keessatti lubbuu namoota hedduu galaafachaa jiraachuun himame.
Weerara dhukkuba Busaa babaldhatee jiru kanaan haadholii, daa’immanii fi maanguddootatti daran jabaatee kan jiru yoo ta’u, sirni bilxiginnaas dhukkuba kana tarsiimoo godhachuun manneen yaalaa hedduu keessaa qorichoota hir’isuun hanqinoota kanaanis namootni danuun dhumaa akka jiran jiraattonni dubbatu.
Oduu hidhaatiin ammoo Wallagga bahaa aanaa Jimmaa Arjoo araddaa Hundee Guddinaa keessatti Sadaasa 11, 2023 waraanni PP WBO deggertu maqaa jedhuun namoota maqaan isaanii Abdii Aliyyii fi Jireenyaa Oljirraa jedhaman reebicha ulfaataa irraan ga’uun gara aanaa Jimmaa Arjootti geessuun hidhanii kan jiranii fi haadha warraa Jireenyaa kan maqaan ishee Birqee Moosisaa jedhamtus reebuun qabeenyaa isaanii Mana guutuu, maallaqa 15000 fi bilbiloota harkaa saamanii deemuun barameera.

