Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaatti dhukkubni busaa garmalee hawaasa miidhaa jiraachuun barame

ONM-ABO Gurraandhala 15, 2025 

Dhukkubni busaa Kutaalee Oromiyaa cufa keessaa addatti immoo hawaasa naannoo gammoojjii jiraatan irratti miidhaa ulfaataa geessisaa kan jiru yoo ta’u, osoo dhukkubni kun hammaatee jiru sababa lukkeeleen Bilxiginnaa buufata fayyaa fi qorichoota balleessaniif uummanni akka itti yaala argatu dhabee rakkataa jira.

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa irraa dhukkubni busaa jiraattota ajjeesaa kan ture yoo ta’u, ammas bifa haarawaan dhukkubni kun kan mul’ate ta’us hawaasni sababa ergamtoota Bilxiginnaaf mana yaalaa deemee akka itti yaalamuu fi qorichoota bitatu dhabee rakkataa jiraachuu jiraattonni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

Akka jiraattonni himanitti, aanicha keessaa gandoonni akka: Ifa Baas Cooree, Ayinoo Gammoojjii, Caamman Bareedaa, Cooraa Kanaaboo, Bareedaa fi kanneen biroo hedduu keessatti dhukkubni busaa garmalee hawaasa miidhaa kan jiru ta’uu himuun, yoo yaalaaf gara aanaa deeman illee, lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa adda addaa itti baasuun achitti qabanii hidhaatti darbatanii dararuu dubbatu.

Yoo buufata fayyaa aanaa sanaa deemanis, ogeessonni fayyaa achi keessa jiran maqaa ‘inshuuraansii fayyaa’ jedhuun qarshii irraa fuudhanii boodarra qorichi akka hin jirre himuun ykn qoricha xiqqoo qofa namaaf laatanii  geggeessu. Qorichoota hedduu kiliinika dhuunfaatti waan barreeseaniif dukkaana qorichaa dhuunfaa irraa bitachuuf immoo gatiin garmalee ol ka’uun lubbuun namoota hedduu dhukkuba kanaan badaa jiraachuu itti dabaluun ifoomsanii jiru.

Exit mobile version