Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee ona Daaboo Haannaatti jiraattonni baay’een dhukkuba busaan du’aa jiraachuun ibsame

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2024

Ona Daaboo Haannaa gandoota adda addaatti dhukkubni busaa daran hammaachuu irraa kan ka’e uummanni bakka itti yaalamu dhabee dhumaa jiraachuun ibsame.

Mana yaalaa deemuuf inshuraansii fayyaa malee yaalamuu kan hin dandeenyee fi kanneen inshuraansii qaban immoo, qoricha isaan gargaaru dhabuun miidhamaa jiraachuu kan dubbatan jiraattonni onichaa, mana yaalaa dhuunfaa deemuufis maallaqa guddaa gaafatamuun yaala dhabaa kan jiru ta’uu gabaasan.

Maatii tokko keessaa namoonni hedduun dhukkuba busaa  kanaan qabamanii dhukkubsataa kan jiranii fi addatti immoo uummanni ganda Cooraa Kanaaboo hedduun dhukkuba kanaan du’aa jiraachuun himameera.

Kana malees, akkuma jiraattota onichaa dhukkubni busaa garmalee fixaa jiru, dhukkubni horii qabatus hammaachuun loowwan hedduun dhumaa akka jiran barameera.

Murni gabroomfataa PP namoota baadiyyaa onichaa keessaa gara magaalaa dhufan ugguree hidhuun dararaa waan  jiruuf, uummanni jiila kanaaf akka itti ofii fi horii isaa wal’aannatu dhabee lubbuun namoota hedduu darbaa jiraachuu jiraattonni onichaa ONM’tti himanii jiru.

Exit mobile version